Qulqulluu Na’aakutoo le’Aab

Bara 1201 keessa dhalate. Mucaa obboleessa Laallibalaati. Abbaan isaa Harbee, haati isaa immoo Markeezaa jedhamu. Yeroon inni dhalates galatoo xumuramuuf yemmuu Na’aakutoo La’aab jedhee diyaaqooniin lallabu wean ta’eef maqaan isaas Na’aakutoo La’aab jedhame moggaafameef. Akka duuka bu’aa yohaannis qeerrummaan kan jiraate dha. Qulqulluun kun kennan Afuura Qulqulluu irra ture, yeroo hunda gadadoo gooftarra gahaa ture kan yaadatu yoo ta’u, waggoota 40’f eeboo dhaabee, boolla keessatti eeboon isa waraanaa gadadoo gooftaa kan yaadachaa ture dha. Gooftaan keenya Iyyasus Kiristoosis hojii isaa kana argee, “Waggaa kana guutuu gadda koo kana yaadachaa kan turte dhiiga kees kan dhangalaaste mana qulqullummaa keetti argamanii kan kadhatan, iddoo kanallee qaamaan osoo hin dhaabbatii yaadaan kan amananii kadhatan hunda siifan maara. Kanaaf, hin gaddiin gammadi,” jedheen.
Atis hanga guyyaa dhufaatii lammaffaatti, hanga addunyaan kun darbuttis dhokadhuuti jiraadhu,” jedheen. “Hanga addunyaan kun darbuttis iddoo kanatti dhukkubsatoonni kan itti fayyan haa ta’an,” jedheen. Egaa waadaa ammas ija keenyaan deemnee arguu ni dandeenya.
Hanga har’aattis xaballi baaxii gubbaarraa gadi cophu hin gogu. Gannas bonas inumaayyu ganna hirdhata bona ni dabala. Innis baataskaana Ashiiteen Maariyaam jedhama. Bara 1211 ijaare. Ilma laallibalaa Yitbaarek mootummaa kenneefi Sadaasa 3 akkuma Heenok dhokateera. Kunis dhalatee waggaa 70tti. Qabsuura qulqulluu kanaan guyyaa 21 kan sukkuumame araarsummaa isaattis kan amaneef umuriin isaa akka dheeratu gooftaan waadaa galeeraaf. “Tolaa maqaa tolaatiin kan simatu gatii tolichaa argata. Dhuguman isiniin jedha, warreen xixiqqoo kanaaf bishaan qorraa xoofoo tokko yoo kennitaniif gatiin keessan isin jalaa hin badu.”(Mat 10:40).
Araarsummaafi sugni Na’aakutoo La’aab nu waliin haa ta’u. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Qulqulluu Laallibalaa

Qulqulluu Laallibalaan abbaan isaa Siyyum haati isaa immooo Kiriwarnaa jedhamu. Kan dhalate immoo muddee 29 dha. Yeroo dhalatutti kannisaan waan marfameef haati ‘maar yibalaal laal yibalaal’ jetteen afaan agawuun laal jechuun damma jechuudha. Laaliibalaan sirna mana kiristaana kitaaba kakuu moofaafi haaraa kan baratedha. Sana boodas obboleessi isaa Gabremaariyaam sirnaa bulchiinsa mootummaa barsiise. Garuu warri jala jiran oduu sobaa odeessanii Laallibalaafi Gabremaariyaam wallolchiisuun mootichaaf obboleettii kan taate, Laalibalaaf garuu intala abbaa qofa kan taate Yooditi waliin shira irratti dhoksaan dalagan. Laallibalaan yeroo hunda hadhooftuu gooftaan keenya dhuge yaadachuuf jimaata jimaata heexoo ni dhuga ture. Kan heexoo qopheessituuf immoo obboleettii Gabremaariyaamidha. Yeroo kana yemmuu heexoo qopheessituuf summii itti naqxee qopheessite. Kan heexoo sana gara Laallibalaatti fideefii dhufu yeroo xinnoo irraa dhamdhamu battalumatti ni du’e. Laallibalaanis yemmuu kana argu, “Namni kun sababa koon du’e mitii?” jedhee osoo akka nama ajjeessu beekuu heexoo summii qabu sana dhuge. Ergamaa Gabri’eelis lubbuu isaa gara samiitti geese, foon isaa garuu hin qorrine ture. Samii torbanis ni daawwachiise. Gooftaanis, “Ani warra Iyyerusaaleem salaamsachuu yemmuu deeman gammoojiitti dhuman yaadadheera. Bataskaana addaa ni ijaarta,” kan ati ijaartu namuu hin ijaaru jedheen.
Kanaanis, iddoo qulqullaa’oo daawachuun Yordaanosis argeera. kanaanis Waaqayyo waadaa galeef. Kana booda gadaamii/kawaala ‘Masqal kibran’ jirtutti geesse ergamaan Gabri’eel jalaa dhokate. Halkan san Waaqayyo abjuudhaan mootii Gabremaariyaamiin, “Aangoo kee Laallibalaaf kenni!” jedheen. Gabremaariyaamis akkuma qabsuura isaa irratti ibsame aangoo isaa dhiisee gara gadaamii galeera.
Laallibalaan magaalaa Rohaatti mana Kiristaanaa 11 ijaareera. Isaanis,
• Amanu’eel, B
• Beete Madanalem,
• Beete Maariyaam,
• Beete Mikaa’el,
• Beete Gabri’eel.
• Beete Masqel,
• Beete Goligootaa,
• Beete Giyoorgiis,
• Beete Marqooriyoos,
• Beete Libaanosiifi
• Beete Danaagilii dha.
Bataskaanota yemmuu ijaaru qabeenya isaa hunda waan itti fixateef haga dhabee rakkachuutti ga’ee akka ture seenaan qabsuura isaa ni dubbata.
Waxabajii 12 boqote. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullichaa kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Qulqulluu Harbee

Qulqulluu Harbeen hangafa qulqulluu Laallibalaati. Laallibalaa wajiin abbaadhaan malee haadhan tokko miti. Yeroo kana si booda kan dhalatu Laallibalaan ni moo’a jedhamee waan himameef seexanni hinaaffaan itti ka’e Laallibalaan akka du’uuf obboleettin Harbee heexoo waliin summii obaaste turte. Haa ta’u malee, Waaqaayyo waan isa eeguuf Laallibalaan hin duune, Booda hojii isaanii kanatti gaddanii qulqulluu Laallibalaa bakka jiru hanga Aksum deemanii dhiifama gaafatanii immimmaaniin mootumma isaanii gadhiisanii gadaamii galan. Obboleessa isaanii Laallibalaas ni moosisan. Erga gadaamii galaniis gooftaan abjuudhaan itti muldhatee, “Mucaa kabajni isaa guddaa tahe ni dhalchita waan ta’eef gara manaatti gali,” jedheen. Innis deebi’ee Naakutoo La’aab dhalche. Naakutoo La’aabis mootii gaarii yoo ta’u, kan guddise Laallibalaadha.
Abbaan kuni bara isaatti phaaphaasii Iskindiriyaa abuna Daani’eelin, “Afaan uummata kanaa kan dhagahan phaaphaasii uummata kana keessa nuf muudi!” jedhee barreesseefii ture. Yeroos sanatti garuu fudhatama hin arganne waan ta’eef dhimmichi achumaan hafe. Bataskaanota hedduus kan ijaarsisan yoo ta’u, “Ati gadadoo kiyya yaadachuudhaan halkanii guyyaa waan boosseef maqaa keetin kan beela’e kan nyaachiseefi kan dheebote kan Obaase nan mura,” jedhee gooftaan waadaa galeefii jira. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Qulqulloota Laastaafi Qulqulluu Yimrehaanne Kiristoos

Jaarraa hanga 13ffu kan jiraatan moototni Laastaa ykn Zaaguwee jedhamuun kan beekkaman yoo tahu akka Malketseedeeq lubummaa mootummaa waliin kan qabatan moototni afur jiru. Isaanis
• Yimrehaame Kiristoos,
• Laallibalaa,
• Qulqulluu Gabremaariyaam (Harbee)fi
• Qulqulluu Naakutoo La’aab jedhamu.

Qulqulluu Yimrehaanne Kiristoos
Qulqulluun kun immoo qeerrummaan kan jiraate luba, mootii fi kopheessa. Abbaan isaa Girmaa Siyyuum jedhama. Zihan Siyyuum abbaan qulqulluu Laallibalaa Xaxawudiim mootichiifi Gimaa Siyyuum obbolaadha. Yeroo qulqullichi dhalatu, abbaan isaa lubbuun hin turre. Jalqabuma gadaamessa haadha isaa keessatti waan filatameef guyyaa Roobiifi Jimaataa hanga sa’aa 9
haadha isaa hin hodhu ture. Haati isaa garuu jalqaba irraa fedhii Waaqayyoon kan ta’e ta’uu isaa waan hin hubatiniif baay’ee dhiphachaa turte. Xaxawudiim abjuudhaan isatti aanee kan mootii ta’ee muudamu Ytmrehaanne Kiristoos tahuu waan hubateef gara isaatti fidee guddise. Haa ta’u malee, kennaafi bareedina daa’ima kanaa, boodas immoo kan mootummaa isaa irra fudhatu ta’uu isaa yoo yaadatu itti hinaafee, “Maal gochuun qaba,” jedhee hammeenya irratti yaade. Yeroo kana namoonni tokko, “Eegduu tiksee taasisi, tokko immoo ajjeesi,” jedhanii irratti mari’achaa yemmuu jiranitti ergamaan Waaqayyoo haadha isaa harkaa butee gara Iyyarusaaleem geesse. Iyyerusaalemittis baratee hanga aangoo diyaaqonummaa fudhachuutti ga’e. Naannoo sanattis uummata barsiisuuun, kadhannaafi soomaan dabarse. Fedha isaa tahus garuu gooftaan Iyyarusaalemii haadha warraa horatee akka luba ta’u itti hime. Innis achuma Iyyarusaalemitti sirna takliiliin fuudhee lubummaa fudhate. Isaanis qeerdubrummaadhaan fuudhaa heerumaanis waggaa 40 ol jiraatan. Ergaan, “Gara biyya keessaniitti gali! Mootichi lubbuu kee barbaadu boqoteera” jedhu dhagahee haadha warraa isaa waliin gara Laastaa dhufe. Yeroo inni dhufus ummanni ililchaa simateera. Guyyuma sana mootii taasisanii muudan.
Muudamni isaa akka mootota biyya lafaa hin turre. Qulqulluu Rufaa’el ergamaan xoofoofi hibistii fidee waggoota 15’f isa gargaaraa sirna galatoo raawwateera.
Booda gargaarsa qulqulluu Rufaa’eliin gara hara Beenuutti deemee achittis uummata barsiisee cuuphe bineensota nama rakkisan hundumaas kadhannaa isaatiin humna isaanii ni dadhabsiise. Gooftanis Iyyarusaaleemitti duumessaan fe’ee isa geessee bakka kanatti mana kiristaanaa naaf ijaari jedheen. Innis Fulbaana 13 irraa eegalee Waxabajii 20 xumure. Taabota Qulqulluu Gabri’eel Waxabajii 21tti galche sirna galatoo raawwate. Qulqulluun kun osoo uummata dhiigaafi foon gooftaa kennuu aduun yemmuu itti dhiyu akkuma luba Iyyaasuu biiftuu dhaabeera.
Qulqulluu Yimrehaannee Kiristoos Onkoloolessa 19 boqotee achumatti awwaalame. Gooftan kan karra isaa dhaqeef waadaa araaraa kenneefii jira. Galanni Waaqayyoof u ‘u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

Mootii Kaaleeb

Mootii Aksum ture. Kan muudames bara 485 yoo ta’u, hanga 515tti teessoo mootummaarra tureera. Ijoollees horateera. Baruumsa amantaas barateera. Amantaan isaas kan sirrii ta’eefi kan nama ajaa’ibsiisudha. Jaalalli haadha keeyaaf qabus addadha. Mootiin Ayihuud Finihaas jedhamu Naagiraan Yemen ammaatti Kiristoosiin ganaa jedhee nama ajjeessaa ture. Magaalattis guyyaa 40’f ibidda itti kaa’ee bobeesse. Seenaan isaa addunyaarratti dhagahamus kiristaanota sana baraaruuf kan yaale hin turre. Yeroo kana dhagahu gara bataskaanaa dhaqee sagadee, “Yaa gooftaa ani namoota dhiiga kiristaanaa dhangalaasan kana akkan haaloo bahuuf na gargaari. Baay’ina loltoota koon kanan of jaju miti; anis mo’amee kiristaanummaan akka hin tuffatamne achumatti na ajeesi,” jedhe akka kadhataniif monoksoota gadaamitti erge.
Osoo hin turinis farda, gaangee fi gaalaan Yemen gahe. Finihaasiin ajjeessee kiristaanota walaba baase. Imimmaaniifi dhiiga isaanii ni qoorseef. Manneen kiristaanaas ijaarefii gara Aksumitti deebi’e. Akkuma deebi’eenis gara Aksum Tsiyoon seenee, “Gooftaa koo wanta naa goote kana hundumaaf kanan kennu qaama koo malee qabeenya koo miti,” jedhee mootummaa isaa ilma isaatti dabarsee teessoo isaarra ka’ee gara kawaalaatti gale. Gonfoo Warqee kaawwachaa tures gara Iyyarusaaleem ergee abbaa Phanxaliyoon harkatti sirni monoksummaa raawwateef. Yeroo sanas qabeenya isaa keessaa kubbaayyaa tokkoofi qamisii tokko akkasumas qooddiroo/handaqqii tokko qofa fudhatee monokkose. Innis gadaamii keessatti namaan osoo wal hin argiin kadhannaafi soomaan erga jiraatee booda waggaa 70tti bara 529 boqoteera. Gooftaanis kabaja isa gonfachiiseera.
Ayyaanni yaadannoo isaas Caamsaa 20dha. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyoo kadhannaa qulqullicha kanaatiin nutti haa araaramu. Sugni isaas nu waliin haa ta’u. Ameen!

oroorthodox.wordpress.com

Create your website with WordPress.com
Get started